FINFINNEE —
Naannoo Oromiyaa bakkawwan adda addaatti ajeechaa fi buqqa’insa jiraattotaa dhaqabaa jiru balaaleffachuudhaan hawaasni hiriira nagayaa bahee akka mootumman fala itti barbaadu gaafataa jira.
Gaaffiin uummataa sirrii tahuu ka dubbatu - Qaamni mootumaas, furmaata fiduuf akka irratti hojjatamaa dubbata. Muktaar Jamaal kana irratti gabaasaa addaa qaba.