Keenyaan dorgommii addunyaa irratti gama hedduun moohuutti jirti. Dorogmmii km 43 kalee Singapoor irratti dhiiraan 1-7 baate. Dhalaan ammoo 1-5 baate.
Jara kana atileetii Keenyaa Joshu Kipkoriritti guuree galeen.Tokkeessoon isa namii 16 ammoo walmuma faana corooree moohe.
Kipooriin kun gurbaa ganna 24ti maratoonii tanallee kaluma dorgomee 2:12:20 fixe. Felix Kirwa lammeesoo innilleen daqiiquma tokko qofa jalaa miila dhaabate sadeesoon ammmoo Andrew Kimtahi.
Martooniin Singapoori tana Federeshiini Kubbaa Miilaa Addunyaa IAAF-ti qopheessitu nama kuma 50 tahutti irratti wal qolche.
Singapooriin Keenyaan akkana itti moore tun lafa oowwichoo fi guddoo bubbifti.
Federeshiin waldaa kubbaa miilaa Addunyaa FIFA, fi federeshiiniin kubbaa miilaa Faransaay, FFF, biyyoota Afrikaa Afaan Faransaay dubbatan keessatti kubbaa miila guddisuuf itti waldhaqan.
Akka pirezidaanti FIFA, Gianni Infantino fi ka pirezidaantiin FFF Noël Le Graët herregatanitti waldhaqiitiin tun guddinna FIFA baafate durattiin deemti.
Faransaay bara hedduu Afrikaa bitaa baate, bittaan tun ganna 56 duratti dhaabatte taatulee amalaa,adabaa fi aadaan Faransaay lafa durii bitte fulaa hedduu mullatti.
Waldaan Federeshiinii kubbaa miilaa kun ammoo Afrikaa gama kubbaa miilaa kanaan guddouma guddisuu fedha.Kilabootii addunyaa ijoollee Afirkaallee kubbaa miilaatti guddifachuuf bitachumatit jiran.
Gaafa Faransaay waancaa kubbaa miilaa mootullee Afrikaan guddoo gammadiif.
Ijjoollee Afrikaa kilabii alaa keessaa taphatan keessaa Samuhel Umtii, Kamerunitti dhalte, Istiiv Mandanda DRC dhalate, maatiin Paul Pogba, Giinii dhufe, Ngolo Kaantee ammoo Maalii dhufe, maatiin Blasie Matduudii ammoo Angoolaa dhufe, haatii Kylian Mbape nama Aljeeriyaati abbaan isaa ammoo Kaamerun.
Ijoollee Afrikaa tana miila isaanii Euro miliyoona dhibba hedduutin bitachuuf areedaa fi sarbaa itti baqatan.
Dorgommii kialboota kubbaa miilaa Amerikaa MLS ta baranaa Atlaantaa Yunaaytiditti moo’e
Atlaantaan Portilandi Timbers 2-0 dhukkeessitee waacnaa irraa fudhatte yoo isiin akkana tolcutu nama kuma 73,019 bahee istaadiyoomii Mercedez Benz Atlaantaa Jiyoorjiyaa keessatti bahee daawwata.
Atlaantaan bara 1995 asi isii baabbaa takkuma hin moone