Amerikaanwaraana guddaa qabaachuun beekan. Bajetii waraana isii bara 2019 doolara biliyona 674.4.Waraanii Amerikaa ka hujii irraa jiru miliyoona 1 kuma dhibba sadiitti dhiyaata.
Waraanii galaana Amerikaa humna misaayila biyya alaatii itti tokkosaniin,IRBM ufi irraa dhowwu ilaallachuuf laallachuuf eda galgala misaayal tokkosee ufi laale.
Akkuma kanaan waraanii kun misaayila biyya alaatii itti tokksoan adoo isiin daarii Amerikaa hin gahin qilleensuma irratti gubuuf eda godina Hawaaii keessaa garba Paasifk irraa misaayila yaaliif ufuma tokksoe dhahee buuse.
Misdaayilii biyya alaatii tokkosan km kuma hedduu deemu IRBM (Intermediate Ballistic Missile).Misaayilii tun kma 3000-5,000 deemti.
Misaayilii Amerikaan dhooftee buufteen ammooo SM-3 fuula keessa tokkose ibiddii lamaan wal nyaate.
Amerikaan SM-3 tana misaayila tana xuyyuura waraana isii C-17 irraa tokkofte. Amerikaan misaayila misaayilaan ufi irraa dhoortu godina Hawaahiitii qabdi.
Sun maleellee misaayila lafa irraa tokkosan Alaasakaa fi Kaaliforiyaa qabdi. Misaayilii mi’a waraanaa hamaamaa km kuma hedduu deemu marroo tokkotti nama kuma hedduullee fixu dandahau.