Xurree ittiin seenan

Breaking News

Erga Raayyaan Ittisa Biyyaa Mooyyale dhufee lasi olii guddaan guyyaa sagal ture dhaabatus jiraattonnii ammas sodaa qabu


Haleellaa waraani naannoo 5 fi al-habaab Mooyyale lolaniin nama kuma hedduutti baqate
Haleellaa waraani naannoo 5 fi al-habaab Mooyyale lolaniin nama kuma hedduutti baqate

Haleellaa loltoonni naannoo 5 fi al-shabaab Mooyyale lolaniin nama kuma hedduutti baqate
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:13 0:00

Haleellaa akka jiraattonni jedhanitti waraana naannoo shanii fi waraanii al-shabaab guyyaa sagaliif Mooyyale loleen nama kuma hedduutti baqatee hedduutti dhuamte.

Lolii kun guyyaa lamaaf dhaabate. Jiraattonni kaan qe’eetti deebia’nii mana ofii ilaallachuu akka jalqaban tahu raayyaan ittisa biyyaa yoo seera kabachiisu mirga nu sarbaa jiraa jechuun komatanii jirani.

Gama Oromiyaarraa kaleessa meeshaa namootarraa seeraan ala humnaan fuudheera raayyaan Ittisaa jechuunis komatan.

Kantiibaan magaalattii waan kana gaafatamanii meeshaan galmaayee jiru kamuu seeraan ala abbaarraa fuudhamnaan ni deebi’aa jechuun VOA-tti himan.

Akka jiraataan kun jedhanitti namootni magaalattii keessaa baqatan muraasni deebi’anii bakka mana isaanii ilaallachuu jalqabanii jiru, baajaajiwwan muraasnis magaala keessa socho’uullee eegalaniiruu jedhu.

Humni Raayya Ittisa biyyaa amma Mooyyaleen jiru walii galtee naannolee lameen haleellaa kana to’achuuf walii galanin tahuu gaggeessitootni mootummaa Naannoo Oromiyaa akkasumas ka naannoo Soomalee mirkaneessanii jirani.

Raayyaan ittisa biyyaas akka namoonni hidhannoo qaban Mooyyale irraa km 25 gargar fagaatan seera baase. Mooyyale amma waraana Federaalaatti tohata.

Haleellaan hidhattoota ha dhaabbatu malee ammas soda qabna jedhu jiraattonni Mooyyale. Jiraattonni raayyaa ittisa biyyaa shakku. Raayyaan ittisa biyyaa yero adda addaatti namoota hedduu Mooyyaletti ijjeese.

Obbo Fuuggicha Dheengee kantiibaa Magaalaa mooyyaleeti, isaanis dhukaasi erga mooyyaleen keessatti hin dhagahamu jedhu.

Waan raayyaan ittisa biyyaa dhiibbaa nurraan geessiaa jira jechaan jiraattonni himatani haga yoonaa komiin kallattiin na dhaqqabe hin jiruu jechuun deebisani. Dabalaniis raayyaan ittisa biyyaa handhuura magaalattii fi bakka hedduu to’atee jiraa jechuun himan.

Obbo Fuuggichi nami hedduun manaa baqate deebi’ee qabeenya isaa ilaalee akka jiruutti deebi’ullee gaafatanii jirani.

Ammaafis warreen magaalaa keessa jiran jaarrolee fi dargaggoota kaan waliin bulchiinsi magaalattii nagana akka itti bu’utti mariyataa akka jiran himanii jiru.

Jiraattonni magaalattii waan nageenya egerii dubbatani, mootummaan gaaffii ummataa jiru deebisuu baannaan haleellaan kun nurraa waan dhaaabbatu mitii jechun ammas soda qaban dubbatu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG