Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kongireesiin US 116essoon Ya Hujii Jalqabe, Manii Marii Amerikaa Barana Wal Makaa Ka’imaa fi Dubartii Hedduu Itti Filan


House Democratic leader Nancy Pelosi (D-CA) is applauded by U.S. Rep. Steny Hoyer (D-MD) and other members as she is nominated for House Speaker as the U.S. House of Representatives meets for the start of the 116th Congress on Capitol Hill in Washington,
House Democratic leader Nancy Pelosi (D-CA) is applauded by U.S. Rep. Steny Hoyer (D-MD) and other members as she is nominated for House Speaker as the U.S. House of Representatives meets for the start of the 116th Congress on Capitol Hill in Washington,

Kongireesisin Amerikaa ka baranaa waan durii hin qamne hedduu barana qabaate.Afrikaalleen ijoollee hedduu kongireesii Amerikaa kabaranaa keessaa qabdi.

Fakkeennaa Iihan Omar,Minisootaa paartii Demokiraatii filatan dhalootaan nama Somaaleeti. Ganna 23n dura kaambii baqaa Keenyaatii isii fi abbaan isii Waashingtiton DC gahan.

Durii baqaaf Washingiton DC dhuftee amma ammoo warra Amerikaa bulchu keessaa nama tokko taatee Waashington DC sunitti deebite.

Ilmee dubraa ta hijaaba mataatti hidhatte kongireesisi Amerikaa keessaatii filatame ta qraati.

Joe Nigusee Amerikaatti dhalatullee nama Eertiraati.Maatiin isaa waraana Eertiraa dheetee Amerikaatiin baqtee baqatee innii ammoo nama Amerikaa bulchu tahe.

Rashiilaa Taliib, dubartii Paalistiin ta Kongireesii Amerikaatii filamte ta qaraati.

Sharice Davids godina Kensas fi Deb Haaland godina New Meksikootii,warra abbootii lafaati,Native Americans yoo jalqabaaf Kongireesii Amerikaati filataman.

Alexandria Ocasio-Cortez,dubartii ganna 29ti. Namii ganna kanaan Kongireesii Amerikaatii filatame ka jalqabaa isii. Warrii kongireesii Amerikaa filatame hedduun kahimaa fi harkii guddaalleen nama uwwwaati ykn dubartii.

Mana marii US Demokiraaitti paartii Rippabilikaan irraa fudhate. Itti gaafatamuu Mana Marii Amerikaa, Nancy Pelositi.

Manii marii Amerikaa nama 435 godina Amerikaa 50 filatan.Manii Marii Amerikaa harka Demokiraaitti deebihuun ammoo pirzidaantii Amerika aka ammaatiif yaaddoo.Namuu itti gaafatama qabuun dubbii wal irra qaba.Senetiin Amerikaa nama 100 qaba.

Waan irratti wal falmuutti jiranii fi wannii mootummaa Amerikaa haga tokkoon cufsiise, horii dallaa daarii Amerikaatii fi Meksikoo jidduutti jaaran.Dallaa kana warra seera malee Ameriakatti baqatu ufi irraa dhowwan.Dallaan sibiilaalleen jaaran kun km kuma hedduu taha.Yaada pirezidaanti Tiraampiti.Dallaa kana doolara biliyoona 5 caalaan jaaran.

"Adoo wannii feete dhuftee doolaraii biliyoona 5.6 Tiraampi dallaan jaaruuf gaafate itti hin kenninu,” jette itti gaafatamtuun mana marii Amerikaa,Nancy Peloosii.

Pelosiin amma itti gaafatamuu taate tun tana waliin marroo lama itti gaaamtauu Mana Marii Amerikaa taate jechuu.

Mana Marii Amerikaa harka Demokiraati jiraa Senetiin ammoo harkuma paarti Rippabilikan jira.Demokiraatii Rippaabilikaan ganna lamaan Tiraampi kanatti kanatti woma wal irratti diduuf yaahan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG