FINFINNEE —
Ayyaana Qillee yokaan Gannii jedhamuun ka beekamu – akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti ayyaanni dhalata Gooftaa Iyyesuus Kiristoos, har’a guutummaa Itiyoophiyaatti sirna how’aadhaan kabajamee oole.
Ayyaana kana ilaalchisuun Itti-aanaa Kantiibaan magaalaa Finfinnee – Obbo Taakkelee Uumaa, jiraattoota manaa fi jireenya hin qabne, kanneen daandii irra jiraatan waliin guyyaa kana ayyaaneffatanii jiran.
Jiraattonni magaalattii maatii fi fira waammachuun waliin ayyyaaneffatan. Kanneen keessaa haga tokko dubbisuun – Tsehaay Daamxoo gabaasaa ergite qabdi.