Dorgommiin deemmaa ykn akkaabsachaa wal dorgoman ispoortii biyya hedduutti beekan.
Akka ogeeyyotii fayyaa jdhanitti miilaan deemuu amaleeffachuun
- Hidda dhiiga onneetii fi dhiiga sombaa namaa diriirisiti
- Dhiba onnee diqqeessiti
- Hidda dhiigaa gabbachuu dhoorti
- Dhiba sukkaarii diqqeessiti
- Lafee jabeessiti
Akka itti aanaan koomishineera koomishiinii ispoortii Oromiyaa,Fissihaa G/Masqal jedhetti Itoophiyaan armaan dura dorgommii akkanaa marroo 1-2 Finfinneetti qopheessite
Qilleensii lafaa jijjiiramaa deema,makiinaa fi motiirii lafatti heddattee namii akka obboo Fissihaan jedhetti namii miilaan yaa’uu diqqeeffachuutti jira.
Akka namii miilaan yaahuu hin dhiifne tolchhuf karaa makiinaa irratti ispoortii nama cufaa(mass sport) namii kuma 10,000 itti walti dhufee miilaan yaa’ee nafa diriirfatu qopheessutti jiran jedha obboo Fissihaan.
Akkuma kanaan akka henna Itoophiyaa,Ammajii 5,2011 irratti magaallan Oromiyaa ta akka Adaamaa,Bishooftuu,Jimmaa,Amboo,Laga Xaafoo,Laga Daadhii, Naqamtee, Sabbataa, Buraayyuu faatii dorgommii akkanaa km 5 qopheessanii saatii 2tti jalqaban.
Federeshiinii Ispoortii Itoophiyaa akka Itti aanaan Koomishineeraa jedhetti akka dorgommii akkanaa haga aanaatti gadi buutee biyya barsiisan fedha.
“Dorgommiin akkanaa qaama cimsee,sammuu qaroomsa,” jedha.