FINFINNEE —
Gumiin tokkumma abbotti Gadaa Oromoo,haadholii siinqee fi qarreefi qeerroo oromoo guyyaa kaleesaa ya'ii gidduu galaa aadaa oromoo finfinneetti gaggeessera.
Ya'ii kana irrattis partileen maqaa oromoo dhahatani wal warranaa ummataas giddutti miidhaa jiraan akka walii irraa dhabbatan jechuun murtee dabarse.
Oromoon Oromoo waliin wal lola jira jechuun saalfii dha kan jedhee Gumiin Tokkumma Abbotti Gadaa kun waltajjii tokkotti dhufaan mari'achuu qabus jedhera.