Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dubbiin pirezidaanti Tiraampi Haasaa Biyyoleessaa Irratti Jedhe "yaada qalbii namaa walti qabu, abdii fi tokkummaa qabdi"


Pirezidanti Haasawa Biyyolessaa Bara 2019tti waan paartii lamaan waliin qaban hedduu jedhe
Pirezidanti Haasawa Biyyolessaa Bara 2019tti waan paartii lamaan waliin qaban hedduu jedhe

Pirzidaanti Tiraampi Dubbi Kalee Galgalaatti Demokiraatin irratti waliin hojjachuu dandahu hedduu jedhe
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:40 0:00

Pirezidaanti Tiraampi dubbii kalee galgala #STOU State Of The Union irratti Kongireesii Amerikaatiif dubbateen karoora mootummaan isaa biyyaan bulchuuf qabu,waan egerii mootummaan isaa dubbatuu irratti dubbate.

Yoo galgala Mana Marii Amerikaa,afi yaa’iin paartii Demokiaati,Naansii Peloosii itti gaafatamtuu taate keessatti dubbateen akka porofeeserii Koolejii Koolin,Mohaammed Xaahiroo jedhetti dubbii paartiin lamaauu faaydaa keessaa argattu dubbate.

Porofeeser Mohaammad nama bara 2014 keessa Senetii Amerikaa tahuuf dorgomee eegee moohame.

Akka innii jedhetti Tiraampi akka duraa kaan afaan hin hammaannee karoora paartii lamaanuu waliin qaban,irratti yaada wayyaa qabu ka Afrikaalleen faaydaa keessaa argattu jedhe.

Mataan dubbii pirezsidaanti Tiraampi“jabeenna filachuu” jedha.Akka kanaan karoora innii baqataa Amerikaatti yaa’uun tohatu,karaa daarii Amerikaatiin eegan,yoo Chaayinaa fi biyyoota ollaatiin waliin daldaluuf walii galan faaydaa hojjataa mootummaa Amerikaa argachuu malee fi waan hedduu irratti dubata.

Kana maleellee waraana Amerikaan biyya alaa dhaxxee loltu kana keessaa karaa Ameikaa baasaniinillee kongireessiitit hime.

Taatullee pirezidaanti Tiraampi paartii Demokiraatiin waan hedduu irratti wal dhabe."Siyaasan haaloo walti bahuu hin malle, siyaasaaf jenneen wa wal irratti diduu hin malle jedhe,”jedhe.

Mootummaan isaa ammoo "addunyaa keessaa wannii Amerikaa dura ejjuu dandahaa hin jirtu.”

Tatullee paartii Demokiraati yaada pirezidaantii Tiraampi doolara biliyoona 5 fi miliyoona 700tiin baqataa Amerikaa dhowwuuf jedhee dallaa jaaru irraa hin fudhatan.

"Warri Mana kana(Mana Marii Amerikaa) keessa jiru,durii eeyee dallaa hin jaarraa jedhee fudhate taatullee takkuma dallaa dhugaa hin jaarre.Ani ammoo akkuma jedhe jaara.”

Wal dhaba kanaan biirolee mootummaa guyyaa 35 cufanii banan yoo ammallee walii galuu baatan guyyaa 12 duubatti ammallee mootummaan Amerikaa cufamuu dandaha.

Akka paartiin Demokiraaitti jettetti pirezidaanti Tiraampi waan hedduu yakke. Stacy Adams abukaatoo,godina Ataalntaa Joorjiyaa bulchuuf dorgomte dhabde.

Tiraampi wal qixxummaa dhugaati fi mala jireennaa jabeessee biyyaa hojjchuu malee,” dhugaa itti himuu akka feetu dubbatte.

“Dhugaa itti himuu feena,hujii isaallee ulfeessuuf feena.Amerikaan ta namii gosa gosaa cufaa keesa jiru, akkuma suniin ulfinna argahcuu malte jennna jette. Guddinnii keenna hujii Amerikaatii fi waan qajeeltuu Amerikaaf hojjachuu keessa jira.”

Akka jecha Steesiitti biirolee mootummaa guyyaa 35 dhiyoo cufamte balleessaan ta Pirezidaati Tiraampiitii hojjataa mootummaa kuma 800 ammoo isaaf jedhee mindaa argachuu dadhabe jette.

“Jireenna hojjataa keennaa tapha siyaasaa tolfachuu ulfinna dhabuu.Cufaatiin tun guddinna dhabuudha.Kana isatti Amerikaattiin dhufe.”

Kongireesiin Amerikaa nama 535 qaba.Kana keesaa 100 Senetii 435 ammoo Mana Marii Amerikaati.Barana kana waan durii hin jirre haawwanii fi nama biyya ormaa hedduu filan.Haawwan 100 caalaatti kongireesii Amerikaatti filame.

Wayaa adii naqatanii haasawa pirezidaanti Tiraampi caqasuu dhufan.Wayaa adiin tun “milikeeta mirga dubartiitii falmachuuf irratti walii galan.

Yoo pirezidaanti Tiraampi waan jarii fedhu dubbatu fkn ‘silaa duruu haga guddaan filamuu qabdaniiyyuu’jedhetti USA---USA---echaa sirban. Yoo ammoo waan hin feene jedhan namuu fumaa tataa’a.

Haasawa pirezidaanii,State Of The Union gannatti marroo tokko dubbatan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG