Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyyitii Afrikaan dorgommi FIFA U-20 barana Polaanditti taphatan irratti abdattu, Afrikaan Kibbaa Arjentiinaa fi Poortugaal afaan buute


Venezuela's Samuel Sosa,(bitaa), dorgommii U-20 bara 2017 Kooriyaa Kibbaatti taphatan irratti Uraagaayitti gaclchee akkana qiliixama. Daejeon, South Korea, Thursday, June 8, 2017. (AP Photo/Ahn Young-joon)
Venezuela's Samuel Sosa,(bitaa), dorgommii U-20 bara 2017 Kooriyaa Kibbaatti taphatan irratti Uraagaayitti gaclchee akkana qiliixama. Daejeon, South Korea, Thursday, June 8, 2017. (AP Photo/Ahn Young-joon)

U-20,Waldorgommii kubbaa miilaa ijoollee addunyaa ganna 20 gadii ta FIFAn qopheesse. Ji'a sadiin duubatti Polaanitti taphatanCaamsaa 23-Waxabajjii 15 Polaanditti taphatan.

Ardiin 6 keessaa walti dhufan biyya 24 walti hafa.Afrikaa keessaa Naayjeeriyaa, Afrikaa Kibbaa, Maalii, Senegaalii fi Maalii abdatti.

Naayjeeriyaan USA,Faransaay,Ukreeyinii fi Qataariin walti marte.Afrikaan Kibbaa, biyyiti Afrikaan dorgommii tanaa herregatt Poortugaal,Arjentiinaa Fi kooriyaan Kibbaatiin walti qajeelte.

Shaampiyoonaan Afrikaa Maalii,dorgommii akkanaa irratti bara 1989 fi 2015 sadeessoo baate Faransaa,Panaamaa fi Saduwdiin walti marte.Faransaay bara 2011 keessaa U-20 moote.

Garee: A: Poland, Colombia, Tahiti, Senegal

Garee B: Mexico, Italy, Japan, Ecuador

Garee C: Honduras, New Zealand, Uruguay, Norway

Garee D: Qatar, Nigeria, Ukraine, USA

Garee E: Panama, Mali, France, Saudi Arabia

Garee F: Portugal, Korea Republic, Argentina, South Africa

Afrikaa keessaa haga ammaatti Gaanaa qofatti U-20 moo'e. Bara 2009 Biraazil 1-0 qaariftee waancaa irraa fudhatte. Addunyaa keessaa Arjentiinaan marroo 6,Biraazil marroo 5 moo'an.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG