FINFINNE —
Manneen waliinii yokaan Kondomiiniyeemii Koyyee Fachee torbaan dhufu irraa jalqabee raabsama, jedhamee oduun dhagahame oduu sobaa ti, jechuudhaan Biroon Misooma Mannneenii, ka Bulchiinsa magaala Finfinnee beeksisee jira.
Biiroon sun akka jedhetti dhimma kana koreen sadarkaa Federaala waan ilaalaa jiruuf, waan torban dhufu abboota caraa manneeniif raabsamu homtuu hin jiru. Obsaan akka eegatan illee gaafatee jira.
Muktaar Jamaal tu gabaase. Caqasaa.