Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dr.Abiy Ahmed ganna tokkocha biyya bulche 'waan dandeennu hojjannee ganna itti aanullee qalbii abdiiti fi tokkummaan hujitti dabarra’ jedhe


Dr. Abiy Ahmed,muummee ministera Itoophiyaa
Dr. Abiy Ahmed,muummee ministera Itoophiyaa

Dr.Abiy Ahmed ‘ganna tokkocha biyya bulche waan dandeennu hojjannee ganna itti aanullee qalbii abdiiti fi tokkummaan hujitti dabarra’ jedhe
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:53 0:00

Muummeen Minsitera Itoophiyaa Dr.Abiy Ahmed ‘ganna tokkocha biyya bulche waan dandeennu hojjannee ganna itti aanullee qalbii abdiiti fi tokkummaan hujitti dabarra’ jedhe

Ganna tokkocha Dr. Abiy biyya itti bulche nama kuma hedduutti hidhaa yaa’e. Manneen hidhaa hedduu cufan.Paartii siyaasaatii fi qabsaahota hedduutti biyyaa alaatii qahee ufiitti gale.

Ganna sun galma walgahii barkumee keessatti ulfeessan.Kaan walaloon kaan sirbaan jijjiirama Itoophiyaan itti jirtu faarsa.

“Dr.Abiy waan ganna dabre isanii guutuu male ka adoo hin qixeessinuu hafe bira naa dabraa,” jedhe.

Waan isanii tolchaa jedhe hafe waan itti wallaale ykn ammo itti hin beekin malee waan jibbee dhiisee miti jedhe.

Dr. Abiy akka diqqaa fi guddaalleen faaydaa tokkummaa Itoophiyaa walti himuu qaban dhaamate.

"Akkuma Itoophiyaalleen tokkummaan jabeeffanne abdiin isiilleen walti dabalamuu akkuma taate irra dedeebinee itti hima barsiiuu malle.Wannii nu jennuu fi dubbannu cuftii waan Itoophiyaa jabeessee tokkumma jabeessaa tahuu male tanuma itti himuu malle.”

Tokkummaan tun ammoo akka Dr Abiy jedhetti waan,qabeennaa, beekumsii keenna kun ammoo waan guddinna Itoophiyaa jabeessaa malee ka Itoophiyaa baqachiisuu malee miti.

Jijjiiramii Itoophiyaan amma itti jirtu akka jecha Dr Abiyyyiitit waan akka ijoollee daaddeen deemuutti jiraati.

Tanumaafuu irratti haa wal falamnuu. Haa wal dubbannu taatullee marii fi haasahii kun karaa irraa deebi’ee gaaddisa mariitti deebi’uu malle.Mariin tun ammoo marii nu misoomsitu,guddina tokkummaa jabeessuu malte.”

Ganna itti aanu ammoo Abiy akka namii.Wa walii dhiisaa, wal obsaa, Goondarii fi Maqaleen, Baahir Daarii fi Addigiraati, Jijjigaa fi Adaamaan,Asoosaa fi Gaambellaan akka obboleeyyanii waliin faarsaa waan irratti wal dhamne ammoo irratti wal mari’achaa, gannii kun ganna Itoophiyummaa jabeefatan tahuu male.

Lataa Qana’aa akkana jedhe

Otuma mammaakanii katafi jennee achii asi baanee

Biyya manca’uu geesse utubaa dhugaa taane

Dukkanni itti naannahee

Hobomboleetiin itti huurse

Itoophiyaa jiguudhaaf mataan lafa gahe Oromootti oli kaase

Seeneet Gizaachoo ammoo akkana jette

Irree tokkummaatiin bilisa ofi baafneee

Ka alaa fi kan keessaa

Oromoon wal maamnee

Waggaa tokkoffaa waggaa injifannoo seenaan kabajanne

“Jijjiirama jalqamnellee durumatiin deemannaa filannoo ganna dhufuullee qalbii qajeeltuun itti qophoomna.”

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG