NAQAMTEE —
Waltajjiin marii nageenyaa uummataa naannolee Oromiyaa fi Benishaangul Gumuz jidduutti har’a magaalaa Asoosaatti deemsisamee jira.
Kanneen marii kana irratti argaman pirezidaantonni naannolee lamaanii waliin-jireenya uummatoota lamaanii irratti humnoota rakkoo uuman dura dhaabbachuu irratti akka gamtaan hojjetan beeksisanii jiru.
Ministarri Nagaa Kan Itiyoophiyaa - Aadde Muufariyaat Kaamiilis marii sana irratti argamanii haasawa dhageessisaniin, “Uummatni akka nagaa isaa tikfatu” dhaaman.
Naakoor Malkaa tu Naqamtee irra gabaase. Caqasaa.