Xurree ittiin seenan

Breaking News

Nageenya Godinaa Walloo Kaabaa Keessatti Mirkaneessuuf Hojiin Jalqabamuu Dubbata Mootummaan


Itti-gaafatamaan waajira bulchiinsaa nageenyaa godinaa Walloo Kibbaa – Obbo Qoyyaachew Ayyaalew, walitti-bu’insa dhiheenya kana, bulchiinsa naannoo Amaaraa, bulchiinsa Hawaasa Oromoo fi godinaa Shawaa Kaabaa keessatti lubbuu namaa galaafate balaaleffachuudhaan, walitti-bu’insi kun gara godinaa isaaniitti akka hin dabarre ittisuuf jecha, hojii cimaa kan hojjetaa jiran tahuu dubbatu.

“Godinaan kun, godinaa sabaa fi sab-lammoonni adda addaa keessa jiraatani. Kana ilaalcha keessa galchuudhaan, gama keenyaan qophii waliigalaa goonee jirra. Inni jalqabaa hawaasichi nageenya naannoo isaa eeguudhaan maal gochuu akka qabu, keessumaa dargaggoonni humna guddaa dha naannoo kanatti. Humni kun nageenya naannoo isaa eeguu eeguu qaba. Rakkoolee nageenya naannoo isaaf gufuu tahan, ofii isaa sirreessaa deemuu danda’uu qaba. Kana irratti hubannaa uumuudhaaf, waltajjiilee marii qopheessinee jirra, jedhu - itti-gaafatamaan bulchiisaa fi nageenyaa Walloo Kibbaa – Obbo Qoyyaachew Ayyaalew.

Godinaa Walloo Kibbaa keessatti, kanneen yaaddoo nageenyaa fi madda walitti-bu’insaa tahuu malan – jedhaman, aanaaleen 6 adda-baasamuu isaaniis dubbatanii jiran.

Gabaasaa guutuu caqasaa

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:27 0:00

XS
SM
MD
LG