FINFINNEE —
Guyyoota 55f leenjii irra turanii gara bakkawwan irraaa dhufaniitti kanneen debi'an muudamtoonni siyaasaa godinaalee Wallaggaa afuranii yeroo bakka hojii keenyaatti debinu bakka biraatti jijiraamtan, jedhamne – jedhuun komatan.
Namoonni komee dhageessisan akka jedhanitti haalli jijjiiraa kanaa hojimataa paartii Dimookiratawaa Oromoo kan hordofee miti.
Wajjira giddu-gallessa paartii diimokiraatawa Oromootti itti gaafatamaan Quunnamtii Hawaasaa obbo Taayyee Danda'aa immoo, jijjiirraa kana keessatti hojimaanni dhaaba cabe hin jiru, jedhan. Tsehaay Daamxoo tu Finfinnee irraa gabaase.