FINFINNEE —
Ka taayitaa prezidaantummaa Oromiyaa irraa kaasamanii, ministarummaa Ittisaa Federaawa Itiyoophiyaatti muudaman Obbo Lammaa Magarsaa fi hoogganoota Oromiyaa ka biroof kaleessa Adaamaatti sirni geggeessaa taasisamee jira.
Ka sirna sana irratti argaman – muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimed, “hooggansi naannoo Oromiyaa haaraan imaanaa guddaa itti kenname hubachuudahaan gaaffii ummataa deebisuuf kutannoon qaba, jedhan. Mukraar Jamaal tu Adaamaa irraa gabaase. Dhaggeeffadhaa.