FINFINNEE —
Namonni hojii dhabeeyyin Waldaan gurma'anii hojii keessa jiran fi namooni gurma'anii osoo hojii hin egaliin waggaa tokko wajjira mootummatti deddebi'un yeroo isani balleessan, mallaqni maqaa hojii dhabeeyyin rammadame jedhamuun midiyaa dhaan dubbatamu malee, hojiin itti hojjetamuu hin agare jedhan.
Hogganaan Biiroon Misooma Interpiraayizii fi Idustirii oromiyaa obbo Xilahuun Warquu Raadiyoo Sagalee Amerikaaf yadaa kennaniin, hojii dhabeeyyi hojiitti galchun ajandaa siiyasaaf miti, dinagdee dargaggota cimsuf, akkataan kanaan dura mallaqni itti liqiin kennamaa ture sirri miti kunis ni foyya'a jedhan.