NAAYROOBII —
Koreen dhimma daangaa Itiyoophiyaa fi Keeniyaa, magaalaa afaan galaanaa ka Keeniyaa – Mombaasaa keessatti walga’uudhaan, waa’ee daangaa biyyoota lamaan gidduu haaressuu irratti mari’atanii jiran.
Keeniyaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa – Melles Aalem, daangaa biyyoota lamaanii irra mallattoolee dhaabuun, funaansa gibiraaf, akkasumas, to’annaa nageenya naannoo daangaaf barbaachisaa tahuu isaa dubbatu.
Galmoo Daawit tu Naayiroobii irraa gabaase