WAASHINGITAN, DIISII —
Imbaasiin Yunaaytid Isteets Itoophiyaa jiru guyyaa harraa Finfinnee keessatti dhukaasni dhagahamuu gaabaasamaa jiraachuu quba qabna jechuudhan hojjattonni mishinichaa dahoo akka qabatan gorse.
Kana malees, odeeffannoowwan miidiyaalee biyya keessaatti gurra akka qaban fi qajeelfama angaawonnii mootummaa naannowwan jiranii dabarsan akka hordofan gaafateera.
Oduu walfaakaatun naannoo Amaaraa magaala Baahir Daaritti guyyuma harra yaaliin mootummaa fonqolchuu fashalauuu ibsi waajira muumme ministiraa Itoophiyaa irraa bahe beeksise.