Angawoonni Eertraa namoota mooraa baqattootaa Umkuluu keessa jiran dhiisanii akka ba’an erga itti himanii booda jiraattonni hedduun naannoo sana dhiisanii deemaa akka jiran jramyaan baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa beeksissee Eertraan mooraa sana akka hin cufne gaafatee jira.
Mooraan Umkuluu andaara galaana diimaa irraa km 10 fagaatee magaalaa argama. Mooraan kun mooraa Eertraa tokkicha yoo ta’u walakkessa baatii Waxabajjii qabee baqattoota Somaaliyaa 2,100 kan keessummeesse yoo ta’u kanneen keessaa 1300 kanneen ta’an yeroo ammaa gara Itiyoophiyaa ga’anii jiran.
Angawoonni Eertraa baqattoota kanaaf eegumsa gochuu akkasumas kanneen mooraa sana keessatti hafaniif furmaanni akka argamu nu waliin hojjechuu akka itti fufan gaafanna jechuu dhaan Daayrikterri UNHCR kan waajjira Afriikaa Raouf Mazou gaafataniiru.