NAAYROOBII —
Jiraattonni Godana gujii Lixaa; haalli nageenyaa naannoo ammas yaaddessaa dha jechuun dubbatan. Keessumaa Aanolee Qarcaa, bulee Horaa fi Malkaa Sooddaa humni Mootummaaa Nageenya Kabachiisu mana jiraattota maqaa ABO deeggartu jedhuun gubaa akka jiru, maatii namoota shakkamaniis hidhaa akka jiru himatan.
Bulchiinsi Godina Gujii Lixaa garuu humni nageenyaa seera kabachiise male qabeenya uummataa hin tuqnee jechuun deebii kenne Galmoo Daawit dabalata qaba.