Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rakkoo Afgaanistaan Keessaaf Falli Gama Siyaasaa Barbaadamuu Qaba: Muummee Ministiraa Paakistan


Muummicha ministiraa Paakistaan, Imran Khan
Muummicha ministiraa Paakistaan, Imran Khan

Prezidaantiin Paakistaan Imran Khan Wiixata har’a prezidaant Traamp waliin yeroo wal argan duula waraanaa Afghanistaan keessaaf furmaanni gama siyaasaa akka barbaachisu nan hubachiisa jedhan.

Khan daw’annaa sirnaawaa guyyaa sadiif Yunaaytid Isteetes keessa kan jiran yoo ta’u kunis hariiroo paakistaanii fi Amerikaa giddutti danqamee ture foyyeesuuf akkasumas lammiwwan Amerikaa hidda dhalata paakistaan qaban kanneen Waashiingtan keessa jiraniif Dilbata kaleessaa galgala haasawaa dhageesisuuf ta’uun ibsamee jira.

Amerikaan walitti bu’iinsa uumaman furuuf jecha humnaan gargaaramuu ishee mormuun duula jabaa gaggeessaa kan turan khan kanas waggaa darbee filannoo gaggeeffameen aangoo ituu hin qabatiin dura iyyu ta’uun beekamee jira.

Addunyaan rakkoo Afgaanistaaniif dullii waraanaa furmaata miti jechuu falmuun na boonsa jechuun uummata walitti qabameef ibsan.

Qindeessitonni walgahichaa akka jedhanti lammiwwan Amerikaa hidda dhalata Paakistaan qaban walgahiin gaggeessan kun guddicha .

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG