Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiiwwan Sudaan Hoogganni Haaraa Filatame Sirnaan Beeksisamuu Isaa Eegaa Jiran


Kaawunsiiliin waraanaa kan yeroo ce’umsaa fi paartileen mormituu Sudaan mormii baatilef gaggeeffame sana booda giddu kana walii galtee siyaasaa mallatteesanii jiru.

Hiriirtoonni hedduun waliigaltee kana of-eeggannaan ilaalaa kan jiran yoo ta’u walii galteen mallatteefamu kana guutuummaa Kaartuum keessatti ayaaneffachaa jiran.Esha Sarai fi Naba Mohiedeentu gabaase.

Kan maqaa Hemeetii jedhuun beekaman Leetenaa Jeneraal ohaammed Hamdaan Daagloo fi Leetenaa Jeneraal Abdul Fattaa Al Burhaan hooggana waraana yeroo ce’umsaa amma diigame mootummaa haaraa keessatti akka bu’aniif moggaafamanii turan.

Haa ta’u male Hemeetii fi Burhaan lamaanuu haleellaalee mormitoota irratti raawwate kan baatii Waxabajjii keessa namoota 120 ol galaafateef itti gaafatamoo dha jedhamee jira. Lammiiwwan Sudaan Hedduun namoonnikun lamaan murtiitti dhiyaachuu qabu malee mootummaa keessa seenuu hin qaban jedhu.

please wait

No media source currently available

0:00 0:01:55 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG