OROMIYAA —
Waggaa tokko dura yeroo Muummee Ministiraa Doktor Abiyyi Ahmad gara aangootti dhufanii as jijjiiramawwan adda addaa argamanii jiran jedhu – namoonni.
Kanneen keessaa hiikamuu hidhamtoota siyaasaa, paartilee fi namootni siyaasaa biyyattii dhaa ala turan gara biyyatti deebi'uu, mirga yaada ofii ibsachuu kabajamuu, anga'ootni mootummaa tokko tokko badii raawwachuutti shakkaman hidhamuu fi ka biro akka fakkeenyaatti kaasu. Kanarraa ka’uudhaan lammiiwwan biyaa, waggaa keessa darbaa jiran - bara 2011 akkamitti ilaalu?
Naakoor Malkaa Jiraattota magaalaa Amboo, Naqamtee fi Wallagga Lixaa akkasumas barattoota barnoota sadarkaa ol’aanaa dubbisuun yaada isaanii nuuf ergee jira.