Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kanneen Prezidaantummaa Ameerikaaf Dorgomuuf Qophiitti Jiran Traampiin Akkaan Qeeqan


Kaadhimamtoonni prezidaantummaa Yunaayitid Isteesiisiif dorgomuuf duula filannoo geggeessaa jiran kudhan kaleessa qabxiilee adda addaa irratti falmii cimaa geggeessanii jiru.

Filannoo waggaa dhuftu irratti injifachuunii kan barbaadan ripaablikaanticha prezidaant Doonaald Traampiin illee akkaan qeeqanii jiru.

Abbaa alngaa kan turan seneteerri kutaa Kaalifoorniyaa Kamiilaa Hariis Traamp gocha jibbiinsaa fi doorsisaa dalagu jechuun qeeqan. Yeroo prezidaantummaa isaanii waggaa lamaa fi walakkaa keessatti yeroo kuma 12 soba dubbatan ittiin jedhan.

Waggoota sadii dura duulli filannoo isaan geggeessan Raashiyaa waliin hariiroo qabaachuu fi dhiisuu isaa adda baasuuf adeemsa qorannaa geggeessu gufachiisuu isaaniif sababaa isaan hin himatamin hafaniif, prezidaantiin aangoo irra jiru hin himatamu kan jedhu imaammati ministeera murtii haqaa waan jiruuf jedhan Hariis. Uummanni Ameerikaa hedduu nuffeera jechuun illee dubbataniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG