Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barattonni Keenya Qabxii Olaanaa Galmeesuun Waan Haaraa Miti: Daayreekteera Mana Barumsaa


Dr. Hirphaasaa Caalaa, daayreektara Mana barnootaa Bultii Addaa Waldaa Misoomaa Oromiyaa
Dr. Hirphaasaa Caalaa, daayreektara Mana barnootaa Bultii Addaa Waldaa Misoomaa Oromiyaa

Manni-barnootaa Bultii Addaa Waldaa Misoomaa Oromiyaa akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti bara 2006 ykn waggaa 6 dura hundeeffame. Barattoota kutaa saddeetitti qabxii gaariin kanneen xumuran fi ulaagaalee adda addaan madaalee guutuummaa Oromiyaa keessaa fudhachuun kutaa 9-12 barsiisa.

Manni barnootaa bakka cisichaa fi tajaajiila dhala namaaf barbaachisu mara barattotaaf kennu kun magaala Gudarii fi Adaamaa keessatti kan baname ta’uus booda garu inni magaala Gudar keessaa sababaa adda addaan cufamuun ibsamee jira.

Barattonni mooraa mana barnootaa Adaamaa keessa jiratan kutaa 10 fi 12 xumura irratti qormaata ta’anii qabxiin galmeesisaa jiran sadarkaa guutuu biyyaatti haala jechuun dandeesisuun olaanaa ta’u Daayreekteera kan ta’an Dr. Hirphaasaa Caalaa Ibsanii jiru.

Bara 2011 keessa barattonni qormaata kutaa kudha lamaa fudhatan martii carraa Yunivarsitiwwan adda addaa seenuu argachuu isaanii ibsanii jiru jedhan. Qormaata kutaa kudhanii kan ilaaleen Dr. Hirphaasaan ennaa ibsan waluumaagala kan qormaataaf ta’an189 keessaa 77 barnoota qoraman kurnaniin “A” kan argatan yoo ta’u brattonni 90 immo duchaatti qabxii 4 galmeesisuu ibsan.

Kanneen biroon baratonni 13 qabxii 3.85, baratonni 6 qabxii 3.71, baratonni 2 Qabxii 3.57 barataa tokko qofaatu qabxii 3.41 fide jedhan Dr. Hirphaasaan.

Gaaffii fi Deebii Gaggeeffame Caqasaa

Barattonni Keenya Qabxii Olaanaa Galmeesuun Waan Haaraa Miti: Daayreekteera Mana Barumsaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:07 0:00



Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG