WAASHINGITAN, DIISII —
Bulchiinsii Traamp dhibbaa guddaa gochuuf duulli gaggeesse kufaatiin isa mudachuu isaa prezidaantiin Iraan Hassan Rohanii ibsanii jiru.
Kunis walii galtee sagantaa Nukleeraa Iraan kan ilaaleen walii galtee bara 2015 tolfame keessaa Amerikaan bara darbee eega of-baaftee booda uggurri Iraan irra keesse abdii kutachuu ishee ibsa jedhan Rohaaniin.
Gumii walii gala kan Tokkummaa mootummotaa irratti argamuuf gara Neew Yorkti ituu hin imaliin dura Rohaaniin kana dubbatan.
Rohaaniin akka ibsanti Yunaaytid Istetes fi saa’udii Arabiyaan baatii darbee warshaa boba’aa Saa’udii irratti haleellaa dhaqqabeen midhaa ga’e ol kaasanaii afarsan jedhan.
Bulchiinsii Traamp kutaa sana to’achuu barbaada jechuun Rohaniin himatan.