Guyyoota afran darban kana roobni cimaan ka Kaaba Keeniyaa fi kibba Godina Booranaa Itiyoophiyaa keessatti roobaa jiru manneen jireenyaa jigsee qabeenya horii fi kaanirraanis balaa dhaqqabsiisee jira.
Keessumaa Kutaa Bulchiinsa Maarsabiit ganda boollangoo hedduu qabdu Golboo keessatti bokkaan kun roobee lolaan cimaan lola’e balaa geessisuu miseensi paarlaamaa naannichaa Abdurraahmaan Shee Bashir ni dubbatu.
Roobi guyyaa afuriif roobe kun haga yoonaas guutummaa guutuutti akka hin dhaabbanne himanii warri manni lolaadhaan duraa jige gargaarsa haa argatuuf, dhaabbilee gargaarsaa fi mootummaa giddu galeessaa keeniyaatti iyyataa jirra jedhan Mr. Abdurrahiman.
Miseensi paarlaama naannoo kun akka jedhanitti roobi ganda Golbo keessatti balaa kana kan geessiseef teessumni lafa ganda kanaa dhooqaa waan ta’eef tahuu himanii, warri manni irraa jigee qe’ee baqates gandootii ollaa keessa fulaa namaarra qubatanii akka jiran himan.
Jiraattonni godina Booranaa Oromiyaas roobni kun jidduu kana keessumaa naannoo magaaalaa Mooyyaleetti garmalee roobaa jiraachuu dubbataniiru.