Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dr. Abiyyi Gareelee Siyaasaa Giddutti Tasgabii Siyaasaa Argamsisuuf Hojii Hedduutu Isa Eeggata: Garee Internaashinaal Kraaysisi


Faayilii - Mummicha ministeera Dr Abiyyi Ahmad fi hoganaa paartii mormituu Suudaan, Kaaruum Sudaan, Waxabajjii 7, 2019
Faayilii - Mummicha ministeera Dr Abiyyi Ahmad fi hoganaa paartii mormituu Suudaan, Kaaruum Sudaan, Waxabajjii 7, 2019

Ciminni hoggansa Mummicha ministeera Dr Abiyyi Ahmad Iityoophiyaa keessatti jijjiramnii gaariin akka argamu akkasumas Ertraa waliin hariiroo gaariin akka dhufu gargaaree jechuun xinxalaa gameessi garee Internaashinaal Kraaysisi Gruup wiliyaam Devison dubbatan.

Garu biyya keessaa gareelee siyaasaa haaraa giddutti tasgabii siyaasaa argamsisuuf hojii hedduutu isa eeggata jedhan.Kana malees Deemsa nageenyaa Ertraa wajjiin jiru tarkaanfachisuuf gara fuula duratti rakkoo jabaa eeggata jedhanii jiran.

Bara dabree Itiyoohiyaan addunyaa irratti uummata walittibu’iinsa uumameen biyya ofii keessatti jireenya isaa irraa buqqa’an hedduu qabaachuun kan beekamte yoo ta’u ce’umsii Dr. Abiyyiin hogganamuu hojii guddaan kan isa eeggatu ta’u agarsiisa kan jedhan Devison hariiroo Ertraa waliin jiru milkeessufis akka ta’uuf danqaa mudatan dhabamsisuufis hojii barbaada jechuun hubachiisan.

Walii galteen Ertraa waliin tolfame hariiroo diplomaasii jalqabsisee, toora bilbilaa akka banamuu gochuun biyyoota lameen gidduu tajaajilli geejibaa hangi tokko akka jiraatu taasisee.Garu falmiin daangaa ijoo ta’an hin furamiin jiru jedhanii Ertraanis mootummaa heeraan dhaabatee hin qabdu jedhu Devison.Kanaaf lammiwwan Ertraa yeroo dheeraaf rakkachuun isaanii hin dhumatiin waan jiruuf nagaa guutuun hin argatiin jiru jedhan.

Dr. Abiyyi ifatti waan jiru irratti dubbachuun akkaan barbaachisaa ta’u xinxalaa gameessa kan ta’an Wiliyaam Devisan ibsanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:51 0:00
More
XS
SM
MD
LG