Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaan Finfinnee fi Waashingiten DC Walii Galtee Obbolummaa Mallatteessan


Jilli kantiibaa magaalaa Waashington Miw-riyeel Baawser Fifninnee daawwate namoota 70 of keessaa qaba
Jilli kantiibaa magaalaa Waashington Miw-riyeel Baawser Fifninnee daawwate namoota 70 of keessaa qaba

Magaalaa Finfinnee fi Washingiten walii galtee magaalaa obbolummaa isaanii haaressanii jiru.

Kan Finfinnee daawwatan kantiibaan magaalaa Waashington Miw-riyeel Baawser akka jedhanitti haalli siyaasaa haarawaan Itiyoophiyaa keessatti uumame walii galtee sana daran hojii irra oolchuuf gargaara.

Kantiibaan kun Finfinnee kan seenan jila namoota 70 of keessaa qabu hoogganuu dhaan ture.

Walii galteen obbolummaa magaalaa Finfinnii fi Washington gidduutti mallatteessame kan waggoota shanan darbanii kan haaressu ture.

Kanaaf jecha kan daawwannaaf gara Itiyoophiyaa dhufan kantiibaan magaalaa Waashington Miw-riyeel Baawser fi itti aanaa kantiibaan magaalaa Finfinnee Taakkelee uumaa walii galtee kana kan mallatteessan Wiixata darbe ture.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:51 0:00
More
XS
SM
MD
LG