Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yuunaaytid Isteetis Aangawa Mootummaa Keeniyaa Biyyashee Akka Hin Seenne Dhoggite


Abbaa Alangaa Mootummaa Keeniyaa duraanii, Amoos Waaqoo
Abbaa Alangaa Mootummaa Keeniyaa duraanii, Amoos Waaqoo

Yuunaytid Isteetis Prezdentii Abbaa Alangaa Mootummaa Keeniyaa duraanii akka biyya ishee hin seenne dhorkite.

Barreessaan Waajjira Dhimma Alaa Yuunaaytid Isteetis Maayk Poompeeyoo sichi angawootni mootummaa keeniyaa Ameerikaa akka hin seenne dhorkinaa jechuun dubbatan. Dafinoo darbe kana yoo gaazexeessitootaaf dubbatan Poompeeyoon, Amoos Waaqoo; pirezdentiin Abbaa Alangaa Mootummaa keeniyaa duraani ifi bulchaan Kutaa bulchiinsa Keeniyaa buusiyaa ammaa bara itti gaafatamummaa isaanii malaammaltummaa karaa bananiiruu jechaan Yuunaaytid Isteetis akka hin seenne murteen irratti darbuu dubbatan.

Yuunaaytid Isteetis Aangawa Mootummaa Keeniyaa Biyyashee Akka Hin Seenne Dhoggite
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:14 0:00


Caamsa bara 1991 haga Hagayya 2011 Prezdentii Abbaa Alagaa Mootummaa biyyattii ka turan Amoos Waaqoo yoos Keeniyaan gara deemookrasiitti waan darbaa turteef waan isaanirraa eegamullee hin hojjennee jedha himati isaanirratti dhiyaate.

Poompeeyoon qoqqobbii Mr. Waaqoo fi maatiisaaniirratti darbe yoo beeksisan biyyi isaanii Ameerikaan duula keeniyaan malaammaltummaarratti bante ni deeggarti jedhan.

Mr. Waaqoon garuu himati narratti dhiyaate sirrii miti jechuun mormatu. Kaleessa galgala yoo gaazexeessitootaaf dubbatan Ameerikaan murtii dogongoraa dabarsite jedhan.

Himannaan Ani yoo prezdentii Abbaa Alangaa biyyaa ture narratti ka’e kun oduu duriiti. Gocha malaammaltummaa biyyattii keessatti dhiyeenya ka’aa jiran ilaaluurra maaliif kiyya ka duraan narratti darbee ture lafaa labsuun barbaachise? Kun naaf hin galu.
Amoos Waaqoo

Mr. Waaqoon qoqqobbiin kun maatii koo dabalachuunillee sirrii mitii jedhan. Yoo dubbatan balleessaan balleesse ana male maatii koo hin ilaallatu jechaan dubbatan.

Nuurdin Hajii Abbaan Alangaa mootummaa keeniyaa ammaas dhiyeenya duula biyyi isaanii malaammaltummaarratti gaggeessaa jirtuuf gargaarsa Ameerikaa gaafatanii AMeerikaanis warra qabeenya ummataa biyyaa gugse adamsuu sinan gargaaraa jechaan abdii laatteefii turte.

Akka Barreessaan Waajjira Dhimma Alaa Yuunaaytid Isteetis Maayk Poompeeyoo tarkaanfiin kun angawoota Keeniyaa fi lammilee biyyattii malaammaltummaa keessaa harka qaban irratti fudhachuun itti fufa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG