FINFINNEE —
Barattoonni dhaabbatoota barnootaa ol’aanoo naannoo Amaaraa keessa jiran keessatti barataa turan doorsisii fi rakkoon waan nu irraa dhaabachuu dideef mooraalee barnootaa gad-lakkisnee bahuuf dirqamne, jedhu.
Barattoonni kun magaalaa Laga Daadhii-Laga Xaafoo keessa ka qubqatanii jiran yoo tahu haalli amma itti jiran rakkisaa tahuullee dubbatu.
Ministarri Saayinsii fi dhaabbatoota barnootaa ol’aanoo ammoo gama isaatiin, “haalli jeequmsaa ture amma waan tasgabba’eef, barattoonni barnoota isaaniitti deebi’uu qaban,” jedha.
Gabaasaa guutuu caqasaa