FINFINNEE —
Abukaatoon namoota yakka shororkeessummaatti shakkamanii hidhamaniif dhaabbatan, maammiloonni isaanii sababaa malee guyyoota digdamii-saddeet digdamii-saddeetiin mana-murtiitti deddeebisamanii beellamni jijjiiramaaf, jechuun komee qaban VOAtti dubbatan.
Kana malees namoonni shakkamanii hidhaman kun ‘reebamaa fi hiraarfamaa akka jiran, mana-murtiitti iyyatanii jiru,” jedhan, Abukaatoon isaanii kun. Gabaasaa guutuu caqasaa.