Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lakkoobsi Gazexxesoota Addunyaa Irratti Hidhamanii Guddaa Ta’u Ibsamee Jira: CPJ


Koreen mirga Gazeexxessootaaf falmu CPJn qorannaa waggaa baaseen Chaayinaa, Tarkii, Saudii Arabiyaa fi Masriin addunyaa irratti biyyoota Gazexxesoota hedduu hidhuun beekaman ta’anii jiru.

Waggootii walitti aanan afuriif Gazexxesoota dhibba hedduu hidhuun aangawoonni biyyonni Arfanii sabaa himaan akka qeeqa dhiyeessaniif mallattoo ehamaa tokko hin agarsiifne jedha gabaasnii CPJ.

Lakkoobsii Gazexxesoota addunyaa irratti hidhaa keessa jiranii 253 ture irraa barana jechuun 2019 keessa gara 245tti gad bu’e.Gazexxessonni hidhaa keessa jiran kun gabaasa ofii uumanii facaasan akkasumas waan soba ta’e gabaasan jedhamuun himataman.

Gazeexxesoota biyyoota Afrikaa uffee sahaaraa gadii keessatti hidhaman 38 keessaa hedduun isaanii Ertraa keessatti erga hidhamanii waggaa 20 guutanii jiru jedha gabaasnii CPJ.

Itti aansee Kaameroon gaazexxeessoota hedduu hidhuun kan itti fuufte yoo ta’u Itiyoophiyaa fi Naayjeriyaa keessatti walaba ta’anii yaada ofii ibsuun duubatti deebi’aa jira jedha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG