AMBOO —
Bakka-bu’aan Paartii Kongiresii Federaalawa Oromoo, KFO, Godinaa Wallagga Bahaa, Obbo Fiqaaduu Ayyaanaa, yeroo ja’a tahuuf erga hidhamanii booda kaleessa hiikamuu isaanii KFOn Beeksisee. Manni Murtii Olaanaa Godina Wallagga Bahaa,”Obbo Fiqaaduun gochaa ittiin shakkaman waan hin raaw’anneef bilisaan gadhiifaman, jedha.
Gama biraatiin Godina Wallagga Lixaa, aanaa Qilxuu Kaarraatti namoonni 21 erga Komaand Poostiin hidhamanii baatiiwwan ja’a caalaniif hidhaman, jedhu maatii isaa keessaa. Bulchaan aanaa Qilxuu Kaarraa kanarratti deebii kennan. Gabaasaa guutuu caqasaa.