FINFINNEE —
Nageenyaa fi tasgabbiin dhabamuu Dhaabbilee Barnoota Ol’aanoon walqabatee, barattoni kuma Soddomii Shanii (35,000) ol barmoota addan kutuu isaanii Ministarri Saayinsii fi Dhaabilee Barnoota Ol’aanoo beeksisee jira.
Gareen madda rakkolee kanaa akka qoratuuf ministarichi gurmeesse gara dhaabilee barnootaatti erge, deebi’ee gabaasaa dhiheessee jira. Gabaasaan keeyna Muktaar Jamaal dhimma kana irratti dubbi himaa ministeerichaa Obbo Dachaasa Gurmuu dubbisee jira.