WAASHINGITAN, DIISII —
Naannoo Dambidollootti kanneen iggitaman barattootaa fi lammiiwwan ka biroo gad dhiisisuuf yaalii godhu cimsee kan itti fufe ta’uu mootummaan Itiyoophiyaa beeksisee jira.
Lakkoobsa barattoota iggitamanii ilaalchisee ragaaleen tamsaasaman sirrii akka hin ta’in angawoonni sadarkaa ol aanaa waajjira muummicha ministeerichaa irraa ibsa kennan dubbataniiru.
Haalli barattoota kanaa mul’inatti kan hin beeksisamneef sababaan oduu hamtuun waan jiruuf ka jedhu illee angawoonni kun fudhatama dhabsiisaniiru.
Barattoota Yuniversitii naannoo Amaaraatti dabalee jiraattota naannoo irratti illee gochi wal fakkaatu raawwatamuu isaa fi haleellaan sun gosa irratti kan hin hundoofne ta’uu ibsaniiru.