AMBOO —
Waajirri Komiyunikeeshinii magaalaa Naqamtee, miseensi Raayyaa Ittisa Biyyaa dargaggoo Phaawuloos ajjeese qabameera, jedhan.
Gama biraatiin magaalaa Naqamteetti kanneen Koomaand Poostiin qabaman namoonni 49 caalan Masaraa Mooticha Kumsaa Morodaa keessatti hidhamanii jiru jechuun maatii hidhamtootaa keessaa komii dhihaaffatan.
Bulchiinsi magaalichaa kanarrattis deebii Kennee jira.