AMBOO —
Addi Bilisummaa Oromoo magaalaa Ambootti miseensotni koo 50 ol hidhaman jechuun komate. Ambo dabalatee magaalee Shawaa Lixaa garaa garaa keessatti miseensonni keenya 120 caalan humnoota mootummaan qabamanii hidhaa jiru, jedhu - Qondaalli Damee siyaasaa ABO, Obbo Gadaa Gabbisaa.
Itti gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenyaa magaalaa Amboo, namootni kan hidhaman sababaa yakkatti shakkamaniif akka tahe dubbatan. Gabaasaa guutuu caqasaa