Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaan Hariiroo Daldalaa Hindii Waliin Qabdu Jabeessuuf Jirti


Yunaaytid Isteetes Helikoptaraa fi mi’a adda addaa kan gatiin isaa Dolaaraa Biliyoona 3 ta’u waraana Hindiitti gurguruuf walii galtee kan mallatteesituu ta’u prezidaant Traamp har’a beeksisanii jiru.

Kunis kan labsame sirna simannaa Traamp kan magaalaa Ahmedabad keessatti gaggeeffamee fi uummanni kuma dhibba tokko caalu argame irratti waan Traamp fi Mummichi ministeeraa Hindii dubbatan caqasuuf bakka aragamanti ture.

Daw’annaa kana dura Traamp akka jedhanti walii galtee daldalaa guddaa haara biyyoota lameen gidduutti tolfachuun Imaltuu kana keessa hin jiru.

Garu haasawaa dhageesisaniin biyyonni lameen walii galtee daldalaa guddaa kan amaan dura argamee hin beenne akka tolfachuuf jiran waadaa seenan.

Kanaaf lamaan keenya walii galtee gaarii kan hin eegamiin irra akka geenyu nana amana jedhan Traamp.Mummichi ministeera Hindii Modiinis walii galtee daldalaa tolfachuuf akkasumas qunnamtii biyyoota lameen gidduu akka bal’atu abdiin qaba jedhan.

Kunis toora enerjii , ittisa waraanaa fi Teknoloojii odeefannoo kan biyyoota paasifiik qofa otoo hin taane kan guutuummaa addunyaa ta’a jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG