Xurree ittiin seenan

Breaking News

Xaaliyaanii Dabalatee Biyyoonni Hangi Tokko Lakkoobsi Namoota Koronaan Qabamanii Gad Xiqqaachuu Beeksisan


Kan weerara vaayiresii koronaan akkaan dha’amtee fi namoonni guyyaa guyyaatti du’aa turan Xaaliyaaniin har’a guyyaa sadii waliti aanuuf lakkoobsi namoota vaayiresichaan qabamanii gad bu’aa adeemuu beeksiste.

Wiixata namoonni 601 du’uun amma iyyuu kan nama rifaasisu yoo ta’u garuu kan sambata namoonni 800 du’an irraa fooya’ina argamsiisee jira.

Xaaliyaaniin namoonni kuma ja’aa ol du’uu isaanii gabaasteee jirti. Turban lama dura weerara kana gad xiqqeessuu abdii jedhuun angawoonni gutummaa biyyattii keessaa sochii ugguranii jiru.

Biyyoota akkaan dha’aman keessaa tokko kan taate kooriyaa kibbaas fooya’inni argamuu isaa gabaaasuu dhaan namni haaraa qabame gara 76tti har’ gad bu’uu jira. Kunis guyyoota walitti aanan 13f dhibbaa gad ta’uu beeksiste. Chaayinaanis fooya’ina ofii ishee argame gabaastee jirti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG