AMBOO —
Jiraattotni Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu hagi tokko, 'weerara dhibee Kooroonaa ilaalchisee sababa dhabamuu bu'uura misoomaa akka Neetwoorkii bilbilaa irraa kan kahe odeeffannoo gahaa hin qabnu' jedhan.
Itti gaafatamaan Waajjira Eegumsa Fayyaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, 'odeeffannoo guutuufi wal qixa tahe bakka mara qaqqabsiisuuf garee hundeessinee hojjataa jirra' jedhan.