WAASHINGITAN, DIISII —
Muummichi-ministaraa Briteen Booris Johaansen, Vaayiresii Koronaa yokaan COVID-19n qabamuun isaanii qorannaan beekamee jira, jechuudhaan – Waajirri Mootummaa isaanii, magaalaa London Daawoniing Istriit irra jiru ibsa baaseen beeksisee jira.
Mr. Johaansen, kaleessa fuula Tiwiiterii isaanii irratti ibsa viidiyoodhaan baasaniin, how’a qaamaa fi qufaa wal irraa hin citne qabaachuu isaanii beeksisanii turan.
Kan irratti argame mallattoolee sasalphaa akka tahe ka dubbatan, Johaansen, nama irraa qofaatti of baasanii, mana isaanii irraa akka hojjetanis beeksisanii turan. Kun, wanna barbaachisaa namuu gochuu qabu, jedhan. Gabaasaa Kennet Shiwaarz, Tujubee tu dhiheessa.