WAASHINGITAN, DIISII —
Mootummaan bulchiinsa naannoo Hararii fi bulchiinsii magaalaa Dirree Dawaa geejiibii uummataa kallattii kamiin iyyu gara isaanti akka hin seenne ugguura ka'anii jiru.
Kunis faca'iinsa vaayrasii koronaa ittisuuf yaadamee akka ta'e gabaafamee jira.
Gama kaaniin bulchiinsii magaalaa Hawaacaa faca'iinsa vaayrasii koronaa
ittisuuf hojii gaggeeffamaa jiran irratti har'a tuuta oduuf ibsa kennuun beekamee jira.