WAASHINGITAN, DIISII —
Manni marii ministeerootaa kan Itiyoophiyaa labsii yeroo hatattamaa labsame hojii itrra olchuuf jecha qajeelfamootaa fi dhorkaalee jiran itti fufiinsaan kan beeksiisuu ta'u waajirri mummicha ministeeraa beeksisee jira.
waajiira mummicha ministeeraatti itti gaafatamaa kutaa preesii kan taa'an Obbo Nigusuu Xilaahun akka jedhanti dhimmootii dhorkaa ta'an ifa kan ta'an labsii ba'e Jimaata borii paarlaamaan biyyatti
eega raggaasisee booda.
Walgahiin paarlaamaa inni borii kun seenaa keessatti yeroo duraaf galma waajiira mummicha ministeeraa keessatti kan gaggeeffamu ta'uun beekamee jira.