WAASHINGITAN, DIISII —
Afrikaa fi biyyonni galiin isaanii gad aanaa ta'e vaayrasii koronaa faccisuu akka danda'an gochuuf kun akeekame.
Afrikaan maallaqa gargaarsaa kana kana keessaa harka caalaa kan argattu yoo ta'u ardittiin dhiibbaa hamaa jala akka jirtu nan hunadha jedha gamtaan Awuroopaa.
Weerarrii vaayrasii koronaa kun kutaalee addunyaa kamiin iyyu caalaa Afrikaa hubuuf deema yaada jedhu gamtaan kun qaba.
Biyyoon biraa deggersa kana argatan Awuroopaa hanga tokko Eshiyaa Laatiin Amerikaa fi laaboraatorii qorannoo kanneen kaampaanii dureesicha Amerikaa beekamaa Biil and Maliindaa Geetis waliin hojjataniif ta'uun ibsameera