WAASHINGITAN, DIISII —
Itiyoophiyaan faca’ina vaayiresii koronaa dhaabsisuuf jecha enaa uggura guutuu biyyaa keessu uummati tajaajila barbaachisuuf sochii godhu banaa taasisuu dhabuu ishee hayyoonni eegumsa fayyaa fi hojjettoonni gargaarsa namoomaa beeksisaniiru.
Magaalaalee kan akka Maqale keessa geejjiba kan akka meeshaa barbaachisuu fi dawaalee bitachuuf geejjibi hin jiru. Haaluma wal fakkaatuun magaalaaleen tajaajila taaksii, konkolaataa fi bajaajii dhaabuun isaanii namoonni wal’aansa fayyaa isaan argatin attamiin gara mana yaalaa dhaqu gaaffii jedhu kaasisee jira.