Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Traamp Yunaayitid Isteetis Keessatti Kanneen Eyyama Jireenya Dhaabbtaaf Iyyatan Guyyoota 60f Kan Hin Simanne Tahuu Beeksisan


Prezidaantiin Traamp namoota Ameerikaa keessatti ehama jireenyaa dhaabbataa, kan Griin Kaard jedhamu barbaadan simachuu, guyyoota jaatamaaf dhaabuun, hojjetoota Ameerikaa irraa vaayirasii Koronaa ittisuuf tarkaanfii barbaachisaa akka tahe dubbatu.

“Lammiwwan Ameerikaa sababaa Vaayirasichaan hojii akka dhaaban taasisaman hojjetoota godaantota haaraa biyyoota alaatiin dhufaniin bakka-buusuun gochaa haqaa hin ta’u.”

Waajirri prezidaantichaa, Waayit Haawus, waa’ee tarkaanfii kanaa haga ammaatti ibsa bal’inaan baase hin qabu. Garuu, prezidaant Traamp, lammiwwan alaa akka keessummaatti gara Yunaayitid Isteetis dhufanii hojjetan, fakkeenyaaf, kanneen yeroo qonnaa dhufanii hojjetanii deebi’an, labsiin kun akka hin iaallanne hubachiisanii jiran.

Gabaasaa guutuu caqasaa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:17 0:00


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:57 0:00
More
XS
SM
MD
LG