FINFINNEE —
Dargaggoonni hojii tola ooltummaa bobba’an, kanneen “Garee Artii Agartuu” jedhaman – Wallagga Lixaa, Magaalaa Najjootti, waa’ee weerara vaayirasii kooronaa jiraattotaaf hubannoo kennaa jiran. Kana malees meeshaalee ittisa Vaayiresichaaf oolu bituun gargaarsa gumaachanii jiran.
Jiraattonni magaalaatti hojii dargaggoota kanaa irraa fayyadamoo ta'anis “hojiin dargaggoota kanaa, dargaggoota biroof fakkeenya guddaa ta’a” jedhu.