WAASHINGITAN, DIISII —
Wiirtuun qorannoo Vaayirasii Koroonaa Hospitaala Rifaraalaa Yunivarsiitii Wallaggaatti hojii eegaluu isaa hoji geggeessaan hospitaalichaa Dooktor Tamasgeen Xilaahun beeksisanii jiran.
Wiirtuun kun sa’aatii tokkotti samuuda 96, guyyaatti ammoo samuuda 500-800 qorachuu danda’a jedhu, Doktor Tamasgeen.
Hospitaalli Rifaraala Yunivarsiitii Wallaggaa tajaajiloota idilee duraan kennaa ture buufata fayyaa ka biraatti kennuuf haalli miija'uu isaallee dubbatanii jiru. Gabaasaa guutuu caqasaa